Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo Mootummaa fi Mootummaa akkasumas Paartii fi Paartii Itiyoophiyaa fi Raashiyaa cimee itti fufa-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2016 (FBC)-Hariiroo Mootummaa fi Mootummaa akkasumas Paartii fi Paartii Itiyoophiyaa fi Raashiyaa cimee itti fufa jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Ittaanaatti Itti Gaafatamaa Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantii Ittaanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.

Jilichi Fooramii Idil Addunyaa paartilee siyaasaa biyyoota BRICS Waxabajjii 9-12, 2016tti mata dureen “World Majority for multipolar Order” jedhuun gaggeeffamurratti hirmaachuuf Raashiyaa Vilaadivoostook galeera.

Fooramichaan cinaatti Obbo Adam Faaraah Itti Gaafatamaa Ittaanaa Waajjira Paartii Yuunaayitid Raashiyaa Kiliinoov Andiree waliin mari’ataniiru.

Obbo Adam marii isaaniin Itiyoophiyaa fi Raashiyaan walitti dhufeenya seena qabeessa waggaa dheeraa qabaachuu yaadachiisanii, yeroo Itiyoophiyaa rakkooleen adda addaa mudatan Raashiyaan deeggarsa Itiyoophiyaaf taasifteef galateeffataniiru.

Itoophiyaan miseensa BRICS ta’uun ishee damee dippilomaasiin boqonnaa haaraa olaanaa ta’uu eeranii, tattaaffii Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uuf taasisaa turteen deeggarsa Raashiyaan taasifteefis Paartii Yuunayitid Raashiyaa fi mootummaa biyyattii galateeffataniiru.

Walitti dhufeenyi biyyoonni lamaan gama mootummaa fi mootummaan akkasumas paartii fi paartiin jiru daran cimee akka itti fufu kan hojjetan ta’uu Obbo Adam dubbataniiru.

Abbootiin qabeenyaa Raashiyaas gara Itiyoophiyaa dhufuun hojiile invastimantiirratti akka hirmaatan gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.