Fana: At a Speed of Life!

Naannawaaleen Gammoojjii dandeettii misooma jallisii qaban faayidaarra oolchuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira-Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2016 (FBC)-Naannawaaleen Gammoojjii dandeettiin misooma jallisii qaban faayidaarra oolchuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Abraham Balaay ibsan.

Mootummaan, Itiyoophiyaa hirkattummaa jalaa baasuuf misooma jallisiirratti bal’inaan hojjechaa jiraachuu ibsan.

Qamadii jallisiin misoomsuuf xiyyeeffannaan kennameen yeroo gabaabaa keessatti qamadiin of danda’u bira darbuun daldala alaaf dhiyeessuu eegaluu yaadachiisan.

Raawwiin karoora bara baajata kanaa guyyoota 100 wayita gamaaggamametti Dooktar Abraham Balaay akka jedhanitti, xiyyeeffannaan misooma naannawaa gammoojjiif kenname bu’aa galmeessuu himan.

Keessumaa xiyyeeffannaa misooma qonnaan misooma jallisiif kennameen hawaasa naannawaa Gammoojjii fayyadamtoota taasisan keessaa pirojektoonni jallisii gaggeeffamaa jiraachuu ibsuun, pirojektoota kanneenis yeroo qabameef keessatti xumuruuf xiyyeeffannaan kennamuu kaasan.

Kunis oomishaa fi oomishtummaa naannawaa Gammoojjii guddisuun dandeettii dabalataa kan uumu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.