Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Adam Faaraahin durfamu Raashiyaa Vilaadivoostook gale

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2016 (FBC)-Jilli Olaanaan Sadarkaa Ministeera Muummee Ittaanaatti Itti Gaafatamaa Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantii Ittaanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahin durfamu Raashiyaa Magaalaa Vilaadivoostook galeera.

Jilichi Fooramii Idil Addunyaa paartilee siyaasaa biyyoota BRICS irratti hirmaachuuf ta’uun ibsameera.

Fooramichi Waxabajjii 9-12, 2016tti mata dureen “World Majority for multipolar Order” jedhuun kan gaggeeffamuudha.

Jilichi fooramichaan cinaatti hoggantoota Paartii biyyoota BRICS waliin marii gamlamee kan gaggeessan ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.