Fana: At a Speed of Life!

Dameen Tuurizimii gumaacha diinagdeef taasisu guddisuuf hojiileen hojjetaman bu’aan galmeessaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC)- Bakkeewwan hawataa Tuurizimii biyyattii maddaa qabeenyaa akka ta’aniif hojiilee hojjetamaa jiraniin bu’aaleen galmaa’u Ministirri Ministeera Tuurizimii Ambaasaaddar Naasisee Caaliin ibsan.

Gamaaggama raawwii karoora bara baajatichaa Bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Waltajjichaarratti damee tuuriizimiin hojiilee hojjetaman ilaalchisuun Ambaasaaddar Naasiiseen ibsa kennaniin, Itiyoophiyaatti damichi gumaacha diinagdeef taasiisu cimsuuf hojiileen hojjetaman bu’aa galmeessaa jira jedhan.

Yaa’iinsi Tuuristoota biyya alaa fi tuuristoota biyya keessaa dabaluuf akkasumas bakkeewwan hawataa tuurizimii babal’isuu, haroomsuu fi beeksisuun hojiileen hojjetaman bu’aa argameef gumaachaa akka ta’e ibsaniiru.

Giddugalaa koonfiraansii Tuurizimii babal’isuun baatiiwwaan kurnan darban damee, fayyaan, barnootaan, maanufaakchariingii fi dameelee biroon waltajjiiwwan idil Addunyaa akka gaggeeffamaniif haaloota mijeessuun hojiileen galii argamu guddisuu hojjetamuu eeraniiru.

Pirojektoonni sagantaa ‘Maaddiin biyyaaf’ jedhuun hojjetaman hojii eegaluun, guddina damichaa saffisiisuu ibsuu TOI gabaaseera.

Sadarkaaleen bakkeewwaan Hawataa Tuurizimii qophaa’uu ibsuun, kunis bakkeewwan hawwataa Tuurizimii turan galiin barbaadamu akka argamsiisan kan gumaachu ta’uu kaasaniiru.

Guyyoota 100’n darban biyyattiitti hooteelonni dorgomtoota idil addunyaa akka ta’aniif hojiin sadarkaan kennuu hojjetamuu ibsaniiru.

Baatiiwwaan 10’n darbanittis lakkofsa tuuristoota biyya alaa fi keessaa dabaluuf hojii hojjetameen bu’aa gaariin argamuu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.