Fana: At a Speed of Life!

Galteewwan wal’aansaa fi qorichaaleen %36 ta’an oomisha biyya keessaan bakka buufamuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaatti yeroo ammaa galteewwan wal’aansaa fi qorichaaleen %36 ta’an oomisha biyya keessaan bakka buufamuu Ministirri Ministeeraa Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan ibsan.

Baraa baajatichaatti raawwiin guyyoota 100 bakka Ministirri Muumee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Dooktar Maqdas Dhaabaan waltajji gamaaggamichaarratti dhimmoota ijoo kaafaman ilaalchisuun ibsa kennaniin, damee tajaajila fayyaa haadholii, daa’immanii fi daa’imman reef dhalataniirratti hanqinaalee turan fooyyessuun tajaajila fooyya’aa akka argatan taasifamuu himan.

Sosochii ‘Itiyoophiyaan haa oomishtuu’nis qorichaalee fi galteewwan wal’aansaa biroo oomisha biyya keessaan bakka buusuun akka danda’ame dubbatan.

Omishi biyya keessaa galteewwan wal’aansaa fi qorichaalee %8 akka ture kaasuunis, yeroo ammaa %36tti guddachuu ibsaniiru.

Oomishtoota biyya keessaa jajjabeessuu, invastaroonni haaraan damicharratti akka bobba’an taasifamuun milkaa’inalee galmaa’an ta’uu himaniiru.

Guyyoottan 100 darbanittis dhaabbileen oomisha qorichaa haaraan biyya keessatti oomishuu jalqabaniiru jechuu isaaniis TOI gabaaseera.

Dhiyeessii fi misoomni qorichaa biyya keessarra darbee biyya alaattis erguun waliingahiinsa Ardichaaf hojjetamaa jiraachuu akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.