Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Arjoomtota Dhiigaa 20ffaan Jimmaatti kabajame

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC)- Guyyaan arjoomtoota dhiigaa dhiigaa akka addunyaatti yeroo 20ffaaf Magaalaa Jimmaaatti kabajameera.

Waggootan 20’n hammii arjoomtoota dhiigaa dabaluus hamma tishuulee dhiigaa dabaluun akka hin dandaa’amne Baankiin Dhiigaa Biyyaaleessaa beeksiseera.

Baankiin dhiigaa Itophiyaa yeroo hundaa’eerraa kaasee hubannoo arjooma dhiiga cimsuu fi arjoomtotarraas dhiiga walitti qabuun hojilee garaagaraa hojjechaa turuusaa Daayirektarri Olaanaa Baankii Dhiigaa Biyyaaleessaa Dooktar Ashannaafii Azazoo dubbataniiru.

Bakka bu’aan Biiroo fayyaa Oromiyaas Obbo Darrasaa Abarraan akka jedhanitti, Baankiin Dhiigaa naannichaa keessaa 11 hojirra kan jiran ta’uu ibsuun, bara 2017’tti gara 14’tti guddisuuf kan hojjetu ta’uu himaniiru.

Sirna kanarratti qaamoleen dhiigaa arjooman galateeffataniiru.

Abdurahmaan Mahaammaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.