Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsitiiwwan Fulbaana walakkaa jalqabee hojii baaruuf barsiisuu akka eegalaniif hojjetamaa jira-Piroofeesar Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC) – Waggaa dhufuu Yuunivarsitiiwwan hojiif baruufi barsiisuu Fulbaana walakkaa akka eegalaniif hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Barnoota Piroofeesar Birhaanuu Naggaan ibsan.
Gamaaggamni raawwii bara baajatichaa guyyoota 100 bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.
Raawwii karooraa Ministeera Barnootaarratti bal’inaan mari’atamuu Piroofeesar Birhaanuun dubbataniiru.
Bara baajatichaatti hirmaannaa hawaasaa fi sagantaa Barnoonni dhalootaf jedhuun ijaarsii fi suphaan manneen barnootaa kuma 22 raawwatamuu eeraniiru.
Qormanni sagantaa fooyyessa ga’umsaa barattootaf kennamuu eegaluu ibsuun, tibba dhufu keessaa qormanni Bahiinsa Yuunivarsitii kan kennamuu ta’u himaniiru.
Akkasumas jalqaba baatii Adoolessaa qormaanni biyyaalessaa kutaa12ffaa kan kennamuu ta’uu fi adeemsa qormaatichaa saffisaa taasisuuf barsiisota qormaaticha qoraniif leenjiin kennamaa jiraachuu dubbataniiru.
Qormanni biyyalessaa kuta 12ffaa bara kana waraqaa fi Onlaayiniin kan kennamuu ta’u ibsuun, kanaafis qophiin barbachisuu taasifamuu himaniiru.
Waqtii gannaa keessa barsiisootaa kuma 62’f sirna baruuf barsiisuurratti leenjiin kan kennamuuf ta’uu himaniiru.
Akkasumas ganna dhufu keessaa hojiin haroomsa Yuunivarsitiiwwanii kan gaggeeffamuu ta’u eeruu isaanii TOI gabaaseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.