Fana: At a Speed of Life!

Waancaan biyyoota Awurooppaa 2024 har’a eegala

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC) – Waancaan biyyoota Awurooppaa 2024 qopheessummaa Jarmaniin gaggeeffamu har’a eegala.

Har’a halkan sirni baniinsaa kan gaggeeffamu yoo ta’uu, sa’aatii 4:00 irraa jalqabee taphni baniinsaa Jarmanii fi Iskootilaandi gidduutti Istaadiyeemii Alenza Areenaatti ni taphatama.

Biyyoonni maqaan isaanii leellifamu kanneen akka Jarman, Ispeen, Xaaliyaanii, Ingilizii, Faransaay, Neezarlaand, Beeljiyeem fi Poorchugaal waancaa fudhachuu danda’uudhaan tilmaama olaanaa argataniiru.

Taphni kun har’aa eegalee Baatii tokko booda xumurama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.