Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa karoora tarsiimawaa waggoota shanii ifoomse

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC)- Boordiin filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa karooraa tarsiimawaa waggoota shanii ifoomseera.

Sirna beeksisa karoorichaarratti, Walitti Qabduun Boordichaa Meelaatwarqi Haayiluu akka jedhanitti, karoorri tarsiimawaan kun deeggarsa Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Giddigalaa Deeggarsaa Filannoo Awurooppaa fi Faawundeeshinii Sirna Filannoo Idil Addunyaarraa fi tattaaffii qaamolee dhimmichi ilaallatuurraa argameen kan qophaa’eedha.

Karoorichi, ofiin adeemsa filannoo akka gaggeessuuf dandeentii Boordii Filannoo cimsuuf kan kaayyeffate ta’uun akeekameera.

Keessumaa karoorri tarsiimawaan kun filannoowwan waliigalaa fi naannoo 7ffaa dhufu qopheessuuf karoora bu’uuraa akka ta’us dubbatan.

Boordichis galmoota, kaayyoo fi kallattii xiyyeeffanno karoora tarsiimawaa kana raawwachiisuuf kutannoo qabaachuu himaniiru.

Yismaawu Adaraawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.