Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee Doolaara biiliyoona 2.2’tti tilmaamaman biyya keessaatti oomishuun akka danda’ame ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2016 (FBC)-Baatiiwwan 10’n darban oomishaalee Doolaara biiliyoona 2.2’tti tilmaamaman biyya keessaatti oomishuun bakka buusuun akka danda’ame Ministirri Ministeera Indaastirii Malaakuu Allebal dubbatan.

Gamaaggamnii raawwii karoora bara 2016 guyyoota 100 bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Damee indaastirii ilaalchisuun Obbo Malaakuu Allebal akka jedhanitti, damichi guddina %10.1 dabaluu ibsanii, kunis guddina diinagdee biyyaalessaa %7.9 milkeessuuf akeektuu ta’uu himan.

Waggoottan darban walitti fufiinsaan hojiirra oolaa kan ture sosochii “Itiyoophiyaan haa oomishtuu” damicha dadammaqsuuf gumaacha olaanaa bahachuu ibsaniiru.

Damichaan invastimantii haaraa hawwachuuf baatiiwwan 10’n darban indastiriiwwan olaanoo 129 hojiitti galuu dubbatan.

Sababoota garaagaraan indaastiriiwwan hojii dhaabanii turan dandeettiin isaanii akka dabalu taasifamuu eeraniiru.

Dabalataan oomishaalee indaastrii alarraa biyya keessa galfaman bakka buusuuf hojiileen gaggeeffaman bu’aa jajjabeessaa galmeessuu himan.

Kanaanis sosochiin “Itiyoophiyaan haa Omishtuu” gahee olaanaa akka qabu eeranii, baatiiwwan 10’n darbanitti oomishaaleen Doolaara biiliyoona 2.2’tti tilmaamaman biyya keessatti oomishuun bakka buusuun akka danda’ame himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.