Fana: At a Speed of Life!

Konkolaattoonni SaafaariiTajaajila Turiizimiif oolan Waajjira Ministira Muummeef kennaman

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Oomishtoonni dandeettii qaban adeemsa oomishaa Konkolaattota Saafaarii akka babal’isan kallattii kaa’aniiru.
Sagantaa riifoormii diinagdee mandhalee keessatti Dameen Tuurizimii dameewwan xiyyeeffannoo argatan keessaa isa tokko ta’uu hordofee, bu’uraalee misoomaa fi tajaajila fooyyeessuu akkasumas, muuxannoo damichaa babal’isuun hojii ijoo ta’uun ibsameera.
Konkolaattoonni Saafaarii kunneen tajaajilaaf akka mijatanitti biyya keessatti kurfeeffamaniiru jedhame.
Biyyoota Paarkii biyyaaleessaa fi qabeenya bineensa bosonaa hedduu qabaniif muuxannoo Safaarii babal’isuun murteessaa ta’uun ibsameera.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waayita raawwii hojii guyyoota 100 gamaaggaman Konkolaattoonni safaarii haala tajaajila Tuuriizimiif mijataniin akka qophaa’aan Ministeera Indaastiriif kallattii kaa’uu hordofee konkolaattoonni biyya keessatti kurfeeffaman kunneen har’a Waajjira Ministira Muummeef kennamaniiru.
Dooktar Abiy sirna walharkaa fuudhinsaarratti argamuun dhaabbileen hojii oomisharratti hirmaatanii fi dandeettii oomishuu qaban adeemsa oomishaa akka babal’isan kallattii kennuu ragaan waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.