Fana: At a Speed of Life!

Giddugaloota fayyaa kuma 2 ol ijaaruuf waliigalteen mallatteeffame

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa naannawaa garaagaraatti giddugaltoota fayyaa kuma 2 ol ijaaruuf dhaabbilee afur gidduutti waliigalteen mallatteeffame.

Dhaabbileen kunneenis Ministeera Fayyaa, Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa, Yuunivarsiitii Boongaa fi dhaabbata tola oolaa ‘Raashiyaa Paan-Afrikaa Paablik Piraayiveet’ Tumsa Misoomaaf jedhamu gidduutti mallatteeffameera.

Bu’uura waliigaltichaan pirojektichi waggoota shaniif kan turuu fi giddugaloota fayyaa kuma 2 ijaaruuf kan hojjetamu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan dubbataniiru.

Giddugaloonni ijaaramanis fayyaa haadholii fi daa’immanii, maanguddoota, dargaggoota akkasumsa da’umsaan walqabatee, talaalliin, karoora maatii fi sirna hormaataa irratti xiyyeeffachuun kan hojjettamu ta’u ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.