Fana: At a Speed of Life!

Reebuun akka lubbuun darbu kan taasise hidhaa cimaa waggaa 18’n akka adabamu itti murtaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2016 (FBC)- Maamila Hoteelaa jeeqxeetta sababa jedhuun nama dhuunfaa reebuun lubbuun akka darbuu taasisuun kan himatame hidhaa cimaa waggaa 18’n akka adabamu itti murtaa’e.

Himatamtoota Yoonaas Axinaafuu fi Amaanu’eel Xilaahuun jedhaman Magaalaa Jimmaa Hoteelaa Daggituu jedhamu keessatti hojii “eegumsa” kan hojjetaa turan kan hinto’atamne waahila isaa waliin nama kadiir Muusaa jedhamu Fulbaana 27, 2016, hoteelicha keessatti wayita bashannanaa jiru, “kanaan dura jeeqxeetta waan ta’eef ba’i” jechuun reebicha irraan gahaniin, miidhaman wal’aanamaa turuun Fulbaana 30, 2016 lubbuun darbuu himanni Abbaa Alangaa ni mul’isa.

Haaluma kanaan Manni Murtii Olaanaa Godina Jimmaa dhaddacha ooleen tokkoon tokkoo himatamtootaa hidhaa cimaa waggaa 18’n akka adabaman itti murteesseera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.