Fana: At a Speed of Life!

Galmi keenya nageenya waaraa, sirna dimokraasifi badhaadhina ummataa mirkaneessuudha – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2016 (FBC) – Galmi keenya nageenya waaraa, sirna dimokraasifi badhaadhina ummataa mirkaneessuudha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pir. Shimallis Abdiisaan Mootummaan akkuma kaleessaa hardhas dhimmi nageenya dursu hinjiru jechuun hidhattoota harca’anii bosonatti hafaniif harka nageenyaa diriirsaa jira jedhan.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Ji’oonni muraasin as dhiyoo darbaa jiran, taateewwan hedduu murteessoo ta’an milteeffatan. Ji’oonni milkii milkooma dabalatan kunneen, rakkoon nageenyaa naannoo keenyatti mudatee ture fooyya’ee qilleensi qabbanaafi nageenyaa qa’ee ummata keenyaarraa itti abuurameedha.

Tibbi keessa dabraa jirru, tibba humnoonni tasgabbii ummata keenyaa booreessaa turan, qalbii itti horatanii, nagaaf abboomanii baay’inaan qa’etti deebi’an, qa’een Oromoo sodaaf itti hin imalamne nagaa argachuu bira darbee, dheebuun misoomaaf qaban deebi’uuf xurreen guddinaa itti argameedha.

Ji’oota milkii qa’ee Oromoofi Oromiyaa milkoomsuuf tajaajilli hawaasummaa adda citee ture hundi hojii eegalee, imala badhaadhinaaf jaataniin misoomaa itti eegalameedha. Milkiin qa’ee Oromootti nagaaf qabbana buusu kuniis, bu’aa qaama tokkoo ykn garee muraasaa osoo hintaane, bu’aa waloomaa atooma walootiin dhufeedha. Fooyya’iinsi kun garuu, salphumatti yookan hawwii qofaan kan dhufe osoo hintaane wareegamaafi aarsaa qaalii kan gaafate tahuu isaa hubannoof qabamuu qaba.

Kutannoofi cichoominni mootummaan nageenya naannichaa waaressuuf agarsiise akkuma jirutti ta’ee; Bu’uura duudhaa safuufi safeeffannaa sabaa kan tahan, gaheen Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, akkasumas Abbootii Amantaa, Jaarsoolii Biyyaafi Ummata baldhaa laayyoo hinturre.

Hidhattoonni waamicha nagaa qeebalanii waan hunda caalaa nagaa sabaafi naannoo isaaniif dursa kennuun galaniis galatatu malaaf. Hundaa ol ammoo, humnoota nageenyaa, nageenyi naannoofi ummata keenyaa boora’uu mannaa, lubbuu koo wareeguu wayya jechuun, rakkoof gadadoo kamiifuu osoo hinjilbiiffatin cichooma wareegama lubbuu gaafatuun qa’ee Oromootti qilleensi nagaa akka bubbisu taasisaniif kabajaafi ulfina olaanaan qabu, maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ibsuun barbaada.

Nageenyi naannoo keenyaa fooyya’uus, ammallee hoj-mamee waaroomsu fuuldura keenya jira. Mootummaan akkuma kaleessaa hardhas dhimmi nageenya dursu hinjiru jechuun hidhattoota harca’anii bosonatti hafaniif harka nageenyaa diriirsaa jira.

Mootummaan nageenyi akka waaroomu, harka nageenyaa diriirsuu qofa osoo hintaane, warren waamicha nageenyaa fudhatanii galan ummatatti madaqsuu, miidhaa ilaal-qalbii hawaasa keenyaa waaraan dhinsuu, qa’een caba nageenyaatiin one misoomaan akka fayyoomu taasisuuf qophii gahaa raawwachaa jira.

Akkasumas, bu’uuraalee misoomaa miidhaman, irra deebiin suphuufi ijaaruuf, piroojektoota adda citaniifi harkifatanis qoratee saffisaan hojiitti galchuuf xiyyeeffannoo addaatiin socho’aa jira. Tajaajilli hawaasummaa keessattuu kan akka eegumsa fayyaa, barnootaafi bishaan qulqulluu hatattamaan hawaasa keenya bira akka gahu mootummaan hojii ijoofi duursa argachuu qabu taasisee raawwachaa jira.
Walhubannaa mariif marabbaa irraa madduun, hamma danda’ametti gaaffii ummata keenyaa deebisuuf mootummaan halkaniifi guyyaa cichoomina cimaan kan hoojjetu ta’a.

Mootummaan naannichaa, nageenya waarroomsuuf cichoominaan wanti hoojjetuuf mirkanneen haqa hawaasummaa, al-loogumman tajaajilamuun, qa’een isaa nageenya argattee haqa isaaf haqaan badhaadhuun ummata keenyaaf waan maluufi.

Karri yaadaa keenyaa hamma fedhe gargar ta’ullee, manni itti ol gallu tokkuma. Galmi keenya nageenya waaraa, sirna dimokraasifi badhaadhina ummata keenyaa mirkaneessuudha. Faayidaa ummata keenyaa irraa yookaane, waan waliin qabnu malee waan irratti waldhabnu hinqabnu; kanaafuu fayidaafi fedhii ummata keenyaa milkeessuuf, tokkummaa keenya haa haaroomsinu! nageenya keenya haa waarru!

Funyoon walhiitee arba hiiti. Marti keenya yaadaaf qalbiin waloomnee, garaa gartumaa keenya dhiphifachaa, walooma keenya dagaagfachaa, fayidaa ummata keenyaatiif waliin haa hojjennu. Hirdhuun kan guutu, kan qabu yoo qoodeedha; dhugaafi haqa ummata keenyaatiif jecha hirdhuu keenya waliin guuttachaa, tokkummaan harka walqabannee, milkii egeree badhaadhina ummataatiif akka waltumsinu, maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin waamicha dhiyeessuun barbaada.

Tokkummaan haa haaromu! Nageenyi haa waaru!

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.