Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti qormaanni Kutaa 8ffaa kennamuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Qormaanni Naannoo Kutaa 8ffaa kan bara 2016 kennamuu eegaluu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksiseera.
Naannichatti barattoonni kuma 675 fi 500 qormaaticha fudhachaa jiraachuu Hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Girmaa Bayyisaan Faanaa Biroodkastingi Korporeetittif himaniiru.
Kanneen keesaa kumni 325 fi 480 dubartoota ta’uu ibsaniiru.
Yeroo ammaa guutuu Oromiyatti barattoonni kumni 672 fi 500 wiirtuulee qormaata kuma 1fi 424 keessatti qormaaticha fudhachaa jiraachuu Obbo Girmaan dubbataniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.