Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan hariiroo gamhedduu bu’a qabeessa ta’e uumuuf kutannoo qabdi – Ambaasaaddar Taayyee Atsaqasillaasee

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan hariiroo gamhedduu bu’a qabeessa ta’e uumuuf kutannoo qabaachuu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsaqasillaaseen ibsan.

Ambaasaaddar Taayyeen Walga’ii Ministiroota Dhimma Alaa Miseensota BRICS irratti hirmaachaa jiru.

Itiyoophiyaan miseensummaa BRICS’f iddoo olaanaa kan laattu ta’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaan dhaabbaticha keessatti hariiroo qabdu guddisuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran ilaachisee ibsa taasiisaniiru.

Dhimmoonni daangaa ce’aa fi idil addunyaa ta’an kamuu dhaabbata tokkoon yookaa qofaa furuun waan hin danda’amneef
tumsi idil addunyaa filannoo osoo hin taane dirqama ta’uu himaniiru.

Itiyoophiyaan nagaa fi guddina, misooma hunda galeessa fi itti fufiinsa qabu, hariiroo gamhedduu bu’a qabeessa ta’e galmaan ga’uuf kutannoo qabaachuu mirkaneessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.