Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ahimad Shideen Ministira Maallaqaa Kuwaataara waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen gita isaanii Kuwaataar Alii Biin Ahimad Al Kuwaarii waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis dhimmoota invastimantii, faayinasii fi walta’iinsa misoomaa Itiyoophiyaa fi Kuwaataar irratti kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.

Itiyoophiyaan sochiilee jijjiiramaa hojiirra oolchaa jirtuu fi bu’aalee argamanirratti ibsa kan kennan Obbo Ahimad, dhaabbileen Kuwaataarii fi abbootiin qabeenyaa gara Itiyophiyaa dhufuun carraalee invastimantii irratti hirmaachuu danda’an bal’aan jiraachuu kaasan.

Hariiroo dhaabbataa fi dhaabbataan walta’iinsaan hojjechuuf waliigalteerra kan ga’an yoo ta’u, waltajjiiwwan naannawaa fi idil addunyaarrattis walta’iinsaan hojjechuuf waliigalteerraa ga’uu ragaan Dohaatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Fandiin Misooma Kuwataar Pirojektiiwan Itiyoophiyaatti eegale cimsee akka itti fufuu fi walta’iinsa dabalataa uumuuf garee teekinikaa gara Itiyoophiyaatti erguu fi fedhii jiru adda baasuun hojiitti seenuuf waliigalteerra ga’uun himameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.