Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontirobaandii Birri miiliyoona 371 olitti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2016 (FBC)- Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 371 olitti tilmaamaman to’atamuu Koomsihiniin Gumurukaa beeksise.

Komishinichi Caamsaa 23-29, 2016’tti hordoffii taasiseen meeshaalee kontirobaandii galii Birrii miiliyoona 128’tti tilmaaman fi meeshaalee daldala alaa birrii miiliyoona 243.7tti tilmaaman to’achuu eereera.

Meeshaaleen kunneenis, uffannaalee, elektirooniksii, Buna, qoricha, meeshaalee faayaa, konkolaattota, qaamolee jijjiirraa konkolaataa, meeshaalee ijaarsaa, baala sammuu hadoochu fi kanneen biroo ta’uu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.