Biqiltuu fayyaa isaa miidhe gara ibsaatti kan jijjiire -Faariid Abbaa Jabal
Finfinnee, Waxabajjii 2, 2016 (FBC)- Faariid Abbaa Jabal jedhama. Dhalatee kan guddate godina Jimmaa Aanaa Maannaatti yoo ta’u, waggaa 12’n dura ture, baala biqiloota garagaraa cuunfuun damma dammeessuuf yaalii eegale.
Faariid, wayita yaaliin isaa waan milkaa’e itti fakkaatu, baala biqilootaa walitti cuunfee qopheesse soorate.
Soorannii kun garuu hin sifoofneef ture.
Rakkoon fayyaa cimaan irra gahee wal’aansaaf Giddugala Hospitaala Jimmaa seene.
Gidduugalichatti torban lamaaf wal’aansii erga taasifameefii booda kan of bare Faariid, hanga guutummaatti fayyaa isaatti deebi’utti achuma ciisee wal’aanamuu itti fufe.
Haa ta’u male, “Nyaata asiidii qabu soorattee turtee?” jechuun gaaffiin ogeessootni fayyaa gaafataniin, argannoo isaa ammaaf ka’umsa akka ta’e dubbata.
Kanuma irraa ka’uunis, yaalii irra deddeebiin waggoottan 2’n taasiseen booda, baala biqilootaa fayyaa isaa irratti miidhaa geessisan humna ibsaa irraa maddisiise.
Kalaqni isaa kun ampooliiwwan ibsuun dabalatti, kompiyutara dabalatee meeshaalee elektirooniksii akka sochoosu kan dubbata Faariid.
Yeroo ammaa jiraattootni Aanaa Maannaa Ganda Kamisee Waallaa 300 ta’an fayyadamoo kalaqa isaa kana ta’uu FBCtti himeera.
Kanarraayyis, ji’atti galii argachu kan eeru Faariid, biqiloota humna ibsa maddisiisuuf gargaaran kana ooyruu bal’aarratti misoomsuun namoota baadiyyaa fayyadamoo gochuuf hojjataa jiraachuu dubbateera.
Muktaar Xahaatiin
#Oromia #Ethiopia