Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli leenjichaa sirna baniinsa leenjii leenjitoota haaraa gaggeesse

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2016 (FBC)-Giddugalli leenjii Humna Qilleensaa fi Komaandoo Bilaattee sirna baniinsa leenjii leenjitoota haaraa gaggeesseera.

Sirna baniinsichaarratti, Ajajaa Olaanaa Ajaja Humna Qilleensaa fi Komaandoo Letenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa, fedhiidhaan haamileedhaan ogummaa loltummaan biyyaatti tajaajiluuf dargaggoota dhufan, leenjii ogummaa bu’uuraa loltummaa kennuu fi ga’oomsuun, dhaabbaticha humna namaan cimsuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Leenjitoonnis turtii isaaniin bu’aa bayiin isaan mudatu ciminaan darbuun, michummaa dagaagsuun, gaachana biyyaa ta’uu akka qaban eeruu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.