Fana: At a Speed of Life!

Biyya tokkummaan sabaa fi sablammootaa keessatti mirkana’ee uumuuf tokkummaan hojjachuu qabna jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2016 (FBC)- Biyya tokkummaan sabaa fi sablammootaa keessatti mirkana’ee uumuuf tokkummaan hojjachuu qabna jedhame.

Waltajjiin marii hawaasaa mata duree “Gargaaramummaa irraa gara oomishtummaatti birmadummaa fi kabaja biyyaalessaatiif” jedhuun Magaala Jimmaatti gaggeeffamaa jira.

Marichaarratti Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Obbo Siisaay Yirgaa akka jedhanitti, biyya abbootiin keenya dangaa fi birmadumaashee eeganii nutti dabarsan, itti gaafatamummaa fudhachuun gargaaramummaara gara omishtummaatti ceesisuun, dhalootaaf biyya birmadumman ishee eegame dabarsuu qabna jedhan.

Obbo Yirgan dabalataan akka jedhanitti, biyya tokkummaa saba fi sablammoota keessatti mirkana’ee uumuuf tokkummaan hojjachuu qabna.

Jalaala fi tokkumaa Jimmaan jiru saba fi sablammoota biyya keenyaa hundaaf fakkeenya ta’uu qabas jedhaniiru.

Rakkoo tokkumaa fi nageenyaa biyyaa kan ta’e fiinxaalessummaarratti waltaanee qabsa’uu qabna jedhan.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjanii Naasir akka jedhanitti, biyyi deeggarsaaf harka alagaa ilaaltu birmadummaa fi kabaja hin qabdu jedhanii, kabaja biyyattitti horuuf dinagdee biyyaa guddisuun, omishaa fi omishtummaa dabaluun barbaachisaadha ta’uu kaasaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar, inisheetiivii maaddii guutuu mirkaneessuuf magaalli Jimmaa xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu himuun, magaalaan bakka gurgurtaa qofa osoo hin taane bakka oomishaas ta’uu danda’eera jedhan.

Yeroo itti aanu keessatti jiruu fi jireenya hawaasaa jijjiiruuf hojiiwwan hojjetamaa jiran dachaadhaan kan hojjetaman ta’uu ibsaniiru.

Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.