Fana: At a Speed of Life!

Magaalonni Shaggarii fi Guwaanzhuun walta’iinsaan hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2016 (FBC)- Magaalaa Shaggarii fi Chaayinaa Magaalaan Guwaanzhuun Walta’iinsaan hojjechuuf waliigaltee michummaa mallateessaniiru.

Waliigaltichas Kantiibaan Bulchiinsa Magaalattii Dooktar Tashoomaa Addunyaa Fi Dursaan Koreee Mana Maree Mana Qopheessa Magaalaa Guwaanzhuu Zhiwoo Dukisiiyaan mallatteessaniiru.

Magaalaan Shaggar magaalaa ‘Ismart sitii taatee hundoofte waan ta’eef, muuxxannoo Magaalaan Chaayinaa Guwaanzhuun gama teeknolojii, invastimanti, diinagdee fi ijaarsaan qabdu walirraa qooddachuun waliin guddachuuf kan kaayyeeffate ta’uu Dooktar Tashoomaan ibsaniiru.

Zhiwoo Dukisiiyaan gama isaaniin, magaalota guguddoo dinagdee Chaayinaaf gumaacha olaanaa taasisan keessaa Magaalaan Guwaanzhuu tokko ta’uu ibsan.

Magaalattiin muuxannoo qabduun Magaalaa Shaggar waliin kan hojjettu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.