Fana: At a Speed of Life!

Dilbii fi carraa biyyi keenya qabdu fayyadamnee oomishuun biyya keenya gara badhaadhinaatti ceesisna-Obbo Yirgaa Sisaay

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2016 (FBC)- Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Obbo Yirgaa Sisaayii fi hooggantoonni Naannichaa biroon hojiiwwan misoomaa Magaalaa Jimmaatti hojjetamaa jiran daawwatan.

Obbo Yirgaan hojiin misoomaa fi qonna magaalaa Jimmaatti hojjetamaa jiru hojii fakkeenyummaa qabu ta’uu ibsuuniiru.

Dilbii fi carraa biyyi keenya qabdutti fayyadamuun oomishuun biyyattii guddisuu fi gara fakkeenya badhaadhinaatti ceesisuun murteessaa ta’uu himan.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar, inisheetiivii maaddii guutuu mirkaneessuuf magaalaan Jimmaa xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu himuun, magaalaan bakka gurgurtaa qofa osoo hintaane bakka oomishaas ta’uu danda’eera jedhan.

Lafa xiqqoo irratti oomishuun akka danda’amu kan kaasan Obbo Xahaan hojiin qabeenya horachuu fi oomishuu cimee kan itti fufu ta’uu dubbatan.

Yeroo ittaanutti jiruu fi jireenya hawaasaa jijjiiran ciminaan kan hojjetamu ta’uu ibsuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarra argame ni mul’isa.

Daawwannicha irratti hooggantoonni Godina Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa kan argaman yommuu ta’u, kilaastarri horsiisa lukkuu fi kuduraa fi muduraas daawwatameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.