Fana: At a Speed of Life!

Jijjiirraan Baraa Saba Beenchi “Biisti Baar” kabajamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2016 (FBC)- Jijjiirraan Baraa Saba Beenchi “Biisti Baar” Magalaa Miizaan Amaanitti kabajamaa jira.

“Biisti Baar“ gara bara haaraatti ce’uu kan itti labsamu, waloomnii kan itti dagaagu akkasumas yeroo galateeffannaa uumaa ta’uun ibsameera.

Miseensonni Saba Beenchis uumaan midhaan isaanii balaarraa eegee firii akka kennu taasisuu, ummanni nagaa fi fayyaan gara boqonnaa haaraatti akka ce’uu fi bacaqii Gannaa darbuun guyyaa haaraan dhufuu isaatti uumaa isaa kan itti galateeffatuudha.

Ayyaanichi sababoota garaagaraan waggootaaf addaan citee kan ture barana yeroo jalqabaaf kabajamuu eegaleera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.