Fana: At a Speed of Life!

Galmeen waliigaltee seeraa qabeessaa kireessaa fi kireeffataa Magaalaa Finfinneetti har’a eegala

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2016 (FBC)-Galmeen waliigaltee seeraa qabeessaa kireessaa fi kireeffataa Magaalaa Finfinneetti har’a kan eegalu ta’uu Biiroon Bulchiinsaa fi Misooma Manneenii Magaalattii beeksise.

Labsiin bulchiinsaa fi to’annoo manneen kiraa rakkoo mana kiraa biyyattiitti mul’atu furuuf akkasumas daballii gatii haqa qabeessa hintaane jireenya hawaasaa fi diinagdee waliigalaa biyyattiirratti dhiibbaa uumu tilmaama keessa galchuun qophaa’ee ragga’uun kan yaadatamuudha.

Biiroon Bulchiinsaa fi Misoomaa Manneenii Magaalaa Finfinnee, qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin barbaachisummaa labsichaarratti mari’achuun, labsicha qajeelfamaan utubuun hojiitti galchuuf qophiin xumuramuu eerameera.

Haaluma kanaan Waxabajjii 1-30, 2016’tti kireessitoonni dhuunfaa magaalattiitti argaman kireeffattoota waliin waliigaltee seera qabeessaa dhiyeessuun galmeessuu akka danda’an ibsameera.

Kireessittoonni waliigatee seeraa qabeessaa raawwachuuf, manni kireessaan kan isaanii ta’uu yookaan bakka bu’aa seera qabeessaa ta’uu sanada ibsu dhiyeessuu akka qaban eerameera.

Kireeffattoonnis gama isaaniin waraqaa eenyummaa yookaan eenyummaa seera qabeessaa kan mul’isuu biroo qabachuun dhiyaachuun kan irraa eegamu ta’uu himameera.

Sa’atii hojiitti galmeessuu kanneen hindandeenye Sanbataa fi Dilbata akkasumas guyyaa hojiitti galgala sa’aatii 12:00 booda galmee raawwachuu akka danda’an ibsameera.

Galmichaa fi labsicha adeemsa hojiirra oolchuu keessatti komiiwwan simachuun keessummeessuuf hojmaanni diriirfamuunis himameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.