Fana: At a Speed of Life!

Hidha Haaromsaa Xumuruuf hirmaannaa taasisuu qabna-Amb. Misgaanuu Argaa

Finfinnee, Caamsaa 30, 2016 (FBC)- Mallattoo walta’iinsaa kan ta’e Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa xumuruuf hirmaannaa taasisuu qabna jechuun Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaddar Misgaanuu Argaan dubbatan.

Pirojektoota biyyaalessaaf Diyaaspooraarraa deeggarsa walitti qabuuf tattaaffiiwwan eegalaman cimsuuf misiyoonota mootummaa Itiyoophiyaa waliin mariin gaggeeffameera.

Marichaarratti Ambaasaddar Misgaanuun akka jedhanitti, Hidha Haaromsa boqonnaa xumurratti ce’uu fi hojii fakkeenyaa kanaa xumuruufis hojiilee paabilik dippilomaasii fi adivookasii akkasumaa hojiin qabeenyaa walitti qabuu cimanii itti fufuu akka qaban hubachiisaniiru.

Daayrektarri Tajaajila Diyaaspooraa Itiyoophiyaa Obbo Balaayinee Aqnaawu gama isaaniin, diyaaspooraan ijaarsa Hidha Guddiha Haaromsa Itiyoophiyaan walqabatee ce’umsaa beekumsaa fi ogummaan, hojiilee paabilik dippiloomaasii fi adivookasiin akkasumaa hojiileen deeggarsa walitti qabuu taasisaa jiru kan jajjabeeffaman ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.