Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Itiyoophiyaa 966 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Caamsaa 30, 2016 (FBC)- Balalii marsaa sadii har’a gaggeeffameen lammiileen Itiyoophiyaa Saa’ud Arbiyaatti haala rakkisaa keessa turan 966 gara biyyaatti deebi’aniiru.

Deebitoota keessaa 641 dhiirota, 321 dubartootaa fi 4 ammoo daa’imman reef dhalatan ta’uun eerameera.

Lammiilee deebi’aniif deeggarsaa fi kunuunsa barbaachisaa taasisuun, hojiin maatii isaanii waliin walquunnamsiisuu hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeeraa Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.