Fana: At a Speed of Life!

Jilli Afyaa’otaa Magaalaa Roobeetti hojiilee misoomaa daawwate

Finfinnee, Caamsaa 30, 2016 (FBC)-Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan dabalatee Afyaa’ota naannolee fi bulchiinsa magaalotaa Godina Baalee Magaalaa Roobeetti hojiilee misoomaa hojjetamaa jiran daawwateera.

Daawwannicharratti Afyaa’onni naannolee fi Manneen Maree Bulchiinsa Magaalota lamaanii hirmaataniiru.

Jilichi Magaalaa Roobeettis Indaastirii Godoo fi kilaastara misooma aannanii akkasuma qonnaa magaalaa daawwateera.

Dabalataan manneen qusannaan harka qalleeyyiif ijaaraman dawwachuun magaalichatti tajaajila tola ooltummaan hojii manneen harka qalleeyyii haaromsuu jalqabsiisaniiru.

Olyaad Ahimaditu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.