Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Saa’udii Birrii Biiliyoonaa 260 damee invastimantiirratti bobba’aniiru-MDhA

Finfinnee, Caamsaa 30, 2016 (FBC)- Waggoottan kurnan lamaan darban abbootiin qabeenyaa Saa’ud Arabiyaa Birrii biiliyoona 260 galmeessan Itiyoophiyaatti pirojektoota invastimantii 233’rratti bobba’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.
Haaluma kanaan lammiilee Itiyoophiyaa kuma 75’f carraa hojii uumuu Dubbii Himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Nabiyyuu Tadlaan ibsa kennaniin kan himan.
Lakkoofsi abbootii qabeenyaa biyyoota garaagaraa invastimantiif Itiyoophiyaa filatanii dabalaa dhufuus akeekan.
Jilli bizinesii olaanaan Saa’ud Arabiyaa 79 daawwannaan Itiyoophiyaatti taasise hariiroo daldalaa fi invastimantii biyyoota lameenii cimsuuf gumaachuu dubbataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.