Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 126 qaqqabe

Finfinnee, Eebila 20, 2012 (FBC) – Qorannaa laabraatoorii samuudaa 1080 irratti sa’aa 24 darbe keessatti gaggeeffameen, nama lamarratti vaayrasiin koroonaa argame.

Haaluma kanaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 126 qaqqabeera.

Waliigalaan namoonni vaayrasicharraa dandamatan 50 ga’aniiru.

Namoonni haaraan qorannaa sa’aa 24tin vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e lammiilee Ingiliz kan ta’aanii fi daa’ima umrii isaa waggaa 4 fi maanguddoo umrii isaa waggaa 50, Ingilizii deebi’anii tursa dirqii keessa kan jiranidha.

Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa fi Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisanitti qorannichi kan gaggeeffame laabraatoorii Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa, Wiirtuu Qorannaa Dhibee Beelladoota Biyyoolessaa, Dhaabbata Qorannaa Armaawr Haansan, Inistiitiyuutii Baayooteeknooloojii Ityoophiyaa, Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ummattoota Kibbaa, Dhaabbata fayyaa Hawaasaa Tigraay, Qorannaa Fayyaa Hawaasaa Amaaraa, laabraatoorii Yuunvarsiitii Haramayaa fi Wiirtuu Yaalaa Yuunvaasiitii Jimmaatti.

Ityoophiyaan waliigalaan amma ammaatti qorannaa samuudaa vaayrasii koroonaa 15,668 gaggeessiteetti.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.