Fana: At a Speed of Life!

Bara aangoo haaraatti tumsi Hindiin Itiyoophiyaa waliin qabdu ni dagaaga-Naareendiraa Moodii

Finfinnee, Caamsaa 29, 2016 (FBC)-Bara aangoo haaraatti Hindiin tumsaa Itiyoophiyaa waliin qabdu akka dagaagu Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin ibsan.

Filannoo Hindiitti gaggeeffameen Naareendiraa Moodiin yeroo 3ffaaf injifachuu hordofee Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa hawwii gaarii dabarsuun ni yaadatama.

Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti ergaa Dooktar Abiy Ahimad dabarsaniif galateeffataniiru.

Biyyoonni lameen michuu waliinii ta’uu eeruun hariiroo gamlamee Itiyoophiyaa waliin qabduuf xiyyeeffannaa ni kenniti jedhaniiru.

Dabalataan, bara aangoo isaanii haaraattis tumsa Hindiin Itiyoophiyaa waliin qabdu dagaagsuuf waadaa galaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.