Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Somaaleetti nageenya waaraa mirkaneessu bira darbee gaaffiilee misoomaaf qabatamaan deebiin kennamaa jira-Obbo Musxafee mahaammad

Finfinnee, Caamsaa 30, 2016 (FBC)- Naannoo Somaaleetti tokkummaa hoggansaa fiduun nageenya waaraa mirkaneessuu bira darbee gaaffiilee misoomaaf qabatamaan deebiin kennamaa jiraaachuu Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Musxafee Mahaammad dubbatan.

Pireezidaanti Musxafeen jijjiiramaan dura nageenyi boora’uu naannichaa yeroo dheeraa tureen hojiileen misoomaa duubatti harkifachuu yaadachiisaniiru.

Ummanni naannichaa nageenyaaf wardiyyummaa dhaabbachuun baatiiwwan ja’an darbanitti nageenya mirkanaa’een, dameewwan hundaan sochiiwwan misoomaa sadarkaa olaanaan gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.

Nageenyi bu’uura misoomaa ta’uu kan kaasaan Obbo Musxafeen tokkummaa hoggansaa eeguu fi misooma gama saffisiisuun mootummaan naannichaa xiyyeeffannaan kan hojjetu ta’uu himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.