Fana: At a Speed of Life!

Balaa tiraafikaa Walaayittaa magaalaa Soddootti qaqqabeen lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Eebila 20,2012(FBC)- Balaa tiraafikaa Walaayittaa magaalaa Soddootti qaqqabeen lubbuun namoota 3 darbe.

Balaan tiraafikaa qaqqabe kun magaalaa Sooddoo naannoo Lidataa Biraayt Hawus jedhamee waamamutti halkaan keessaa sa’aa 7:30 irraattidha.

Balichi konkolaataa fee’umsaa Xaa’oo fe’ee gara magaalaa Adamaa imalaa tureen kan qaqqabe ta’uu ibsameera.

Ajajaan Qajeelcha Poolisii magaalaa Soddoo kutaa magaalaa Araadaa Inispeektar Alamaayyoo Toomaa balichaan konkolaachisaa, gargaaraa konkolaachisaa fi imalaan biroo tokko lubbuun darbuu ibsuun, ka’uumsi balaa kanaa maal akka ta’ee qoratamaa jiraachuu himaniiru.

Bakka balaan kun itti qaqqabe waggaa saddeettin dura balaa tiraafikaan lubbuun namoota 6 darbuun isaa ni yaadatama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.