Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Bahaatti Miseensonni Shanee 416 harka kennatan

Finfinnee, Caamsaa 29, 2016 (FBC)- Godina Shawaa Bahaatti miseensonni Shanee 416 karaa nagaatiin harka kennatan.

Miseensonni kunneen godinicha Aanaa Dugdaa keessa socho’uun hawaasa dararaa fi qabeenya irra miidhaa geessisaa akka turan eerameera.

Miseensonni garichaa harka kennataniis gochaa raawwachaa turaniitti gaabbuun kanneen bosona jiraniifis waamicha taasisaniiru.

Aanaa Dugdaa, Booraa fi Magaalaa Maqii keessa kan socho’aa turan miseensonni garichaa 416 kan harka kennatan yoo ta’u meeshaa waraanaa kilaashii, sinaayipparii, bireenii fi rasaasni garaagaraas to’atamuun ibsameera.

Hojiilee bal’aa qindoomina hawaasaa fi qaamolee nageenyaan hojjetameen yeroo ammaa sochiin hawaas-diinagdee naannawichaa haala gaariirra jiraachuun himameera.

Waamicha mootummaan taasiseen miseensonni garichaa hedduun harka kennachaa jiraachuun eerameera.

Dabalataan, dabballeen garichaa 236 leenjii haaromsaa fudhachuun hawaasaatti makamuu ibsameera.

Ajaja Kibbaattii Ajajaa Ittanaa fi Opireeshinaalli Kutaa Waraanaa 21ffaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Letenaal Koloneel Kaasahun Amaareen, nageenya mirkaneessuuf naannoolee Oromiyaa fi Amaaraatti hojiilee bal’aan hojjetamuu eeran.

Naannawichattis gareen Shanee hawaasarraan miidhaa geessisaa turuu yaadachiisanii, Raayyaan Ittisa Biyyaas nageenya hawaasaa tiksuuf wareegama kaffalaa akka jiru dubbataniiru.

Nageenya waaraa mirkaneessuufis hawaasni tumsa barbaachisaa akka taasisu dhaamaniiru.

Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.