Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Sinoodoosii Mana Amantaa Ortodoksii Itiyoophiyaa xumurame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2016 (FBC)- Yaa’iin Waiigalaa Sinoodoosii Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa xumurame.

Xumuramuu yaa’ichaa ilaalchisuunis Paatiriyaarkiin mana amantichaa Abuna Maatiyaas ibsa kennaniiru.

Ibsichaan Sinoodoosichi mana amatichaa fi ummatootaa biyyattiif murtee faayidaa qabeessaa dabarsuus himaniiru.

Kitaabaa qulqulluurratti bu’uureffachuun gorsa abbummaa kennuu kan baratame ta’uu ibsanii, ta’us yeroo dhiyoo as haala yeroo ilaalchisuun ergaawwan dabarfaman mana amantichaa kan bakka hinbuune fi sinoodoosichi kan hinfudhanne akkumas kan balaaleffataman ta’uu himaniiru.

Fuulduratti, gochaa walfakkaataan akka hinraawwanne dambiin seeraa sirna ibsa kennuu fi ergama barnoota wangeelaa qophaa’ee yaa’ii waliigalaaf akka dhiyaatu murtaa’uun eerameera.

Yaa’iin waliigalaa Sinoodosichaa wixinee labsii dhimmoota amantaa irratti bal’inaan mari’achun dhimmoonni fooyyeffamuu qaban dhaabbata mootummaa dhimmichi ilallatuuf ergamuu himaniiru.

Bulchiinsi manaa amantichaa kan yeroo faanaa tarkaanfatu akka ta’uuf karoora waggoota 10 raggaasisuun hojiitti akka galamu murtaa’uu ibsaniiru.

Gurmaa’insi caasaa raawwiif akka mijatutti qophaa’e akka hojiirra ooluuf sinodoosiin murteessuu eeraniiru.

Yaa’ichi karoorri baajataa bara 2017 ragga’ee akka hojiirra oolu murteessuu TOI gabaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.