Fana: At a Speed of Life!

Beenishaangul Gumuzitti hospitaalli sadarkaa jalqabaa Birrii miiliyoona 169’n ijaarame eebbifame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Obbo Ashaadilii Hasan Beenishaangul Gumuzitti Hospitaalli Sadarkaa Jalqabaa Buuldiigiluutti Birrii miiliyoona 169’n ijaarame eebbisiisan.

Obbo Ashaadilii Hasan sirna eebbichaarratti akka jedhanitti mootummaan naannichaa damee fayyaan tajaajiloota kennaman fooyyessuun itti quufiinsa hawaasaa dabaluuf hojjechaa jira.

Dabalataan sadarkaa dhaabbilee fayyaa fooyyessuun tajaajiloota damee fayyaa kennaman qaqqabamaa taasisuuf hojiileen eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.

Dhaabbilee fayyaa ijaaruu qofaa utuu hintaane humna namaa fi meeshalee ga’aan guutuun tajaajila barbaachisaa kennuun akka barbaachisu hubachiisuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.