Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Finfinnee Yuunivarsiitii Kuwaataar waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Caamsaa 28, 2016 (FBC)- Yuunivarsiitiin Finfinnee Yuunivarsiitii Kuwaataar waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesseera.

Pireezidaantiiin Yuunivarsiitii finfinnee Dooktar Saamu’eel Kifleen, waliigaltichii hariiroo cimaa itiyoophiyaa fi kuwataar gudduurratti kan bu’uureffate ta’uu eeruun, waliigaltichis biyyoonni lameen dhimmoota tarsiimawoo irratti waloon hojjechuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.

Waliigaltichi, Faawundeeshiniin Kuwaataar Itiyoophiyaatti damee fayyaan deeggarsa taasisuuf fedhii qabaachuu ibsuu fi Muummeen Ogummaa Fayyaa Yuunivarsitii Finfinnee Faawundeeshinii Kuwaatar irraa muuxannoo akka qooddatuuf kan gumaachu ta’uu himan.

Kunis muummeewwan Ogummaa Fayyaa yuunivarsiitiiwwan lameenii Faawundeshinii Kuwaatar waliin walta’uun tajaajilaa wal’aansaa fi tajaajila baqaqsanii wal’aanuu akka kennan carraa kan uumu ta’uu himaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii Kuwaataar Dooktar Maatiwoos Insarmuu gama isaaniin, jilli Yuunivarsiitii Finfinneerraa baba’e duraan Kuwaataaritti daawwannaa taasisuu fi dameewwan garaagaraan walta’iinsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessuu beeksisaniiru.

Faawundeeshiniin Kuwaataar Yuunivarsiiti Finfinneef deeggarsa damee fayyaarratti xiyyeeffate taasisuuf pirojektii waggoota lamaaf hojiirra olaan bocuun tarkaanfii fudhachaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataan, faawundeeshinichi yuunivarsiitichaaf deeggarsa teeknikaa taasisuu fi tumsan hojjechuu akka barbaadu himuu ragaan Yuunivarsiitii Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.