Fana: At a Speed of Life!

Godaantoonni 172 Jibuutiirraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Caamsaa 28, 2016 (FBC) – Embaasiin Itiyoophiyaa Jibuutiitti argamu Godaantoota 172 gara biyyaa deebisuu ibseera.

Embaasichi dhaabbata Godaantootaa idil addunyaa waliin ta’uun lammiilee kanneen gara biyyaa deebisuu himeera.

Sababa garee faddaaltoota seeraan alaan Godaantoonni karaa seeraan alaa daangaa qaxxamuruun rakkoo hamaaf saaximaa jiraachuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.