Fana: At a Speed of Life!

Mariin Ajandaa Adda baasuu Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture milkaa’inaan xumuramuun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 27, 2016 (FBC)- Guyyoottan torban darbaniif Magaalaa Finfinneetti marii ajandaa marii biyyaalessaa adda baasuu gaggeeffamaa ture xumuramuu Koomiishiniin Marii biyyaalessaa beeksise.

Bakka Bu’oonni qaamolee dhimmichi ilaallatuu ajandaalee marii biyyaalessaaf dhiyaachuu danda’anirratti mari’achuun adda baasuun Mana Maree Koomishinichaaf dhiyeessuu Koomishinarri Olaanaan Koomishinii Marii Biyyaalessaa Pirofeesar Masfiin Ar’ayaan ibsan.

Ajandaaleen marichaan adda baafamuun dhiyaatan gurmeessuu fi qindeessuun rakkoolee akka biyyaalessaatti jiraniif bu’uura kan jedhaman adda baasuuf tattaaffii olaanaan taasifamuu kaasan.

Hojiin ajandaa adda baasuu miiraa biyyaalessummaan kan gaggeeffame ta’uun garaagarummaa jiru mariiin furuuf adeemsa yeroo dheeraaf tarkaanfii jalqabaa ta’uu hubachiisan.

Hojii Ajandaa adda baasuu Finfinneetti gaggeeffamee gamaaggamuu fi hanqinaalee jiranirratti sirreeffama taasisuun fuuldurattis bifa walfakkaatuun Magaalaa Dirree Dhawaa fi naannoleettis kan itti fufu ta’uu akeekaniiru.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.