Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Jaappaan Doolaara miiliyoona 6 ol Itiyoophiyaaf deeggarsa taasise

Finfinnee, Caamsaa 27, 2016 (FBC)-Sagantaa tumsa gamlamee Bulchiinsa Sagantaa Misooma Indaastrii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitiin Mootummaan Jaappaan hidhattoota duranii deebisanii dandamachiisuuf hojiilee Koomiishiniin Haroomsa Biyyaalessaa hojjetuuf deeggarsa Doolaara miiliyoona 6.7 taasiseera.

Deeggarsichis bittaa meeshaalee, dandeettii hidhattoota duraanii deebisanii dandamachiisuu fooyyeessuuf leenjii kennuuf kan oolu ta’uu akeekamuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Waliigalteen deeggarsichaas bakka Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Shiibataa Hiroonoorii, Itiyoophiyaatti Bakka Bu’aa Sagantaa Misooma Indaastrii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Saamu’eel Jiddoo, Ittaanaa Komishinara Komishinii Haroomsa Biyyaleessaa Tasfalem Yihiidaagoo fi Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samaariittaa Sawaasawu argamanitti mallateeffameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.