Baatiiwwan kurnan darban Buna gabaa alaaf dhiyaaterraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1 argamuu ibsame
Finfinnee, Caamsaa 26, 2016 (FBC) – Baatiiwwan kurnan darban Buna gabaa alaaf dhiyaaterraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1 argamuu Abbaan Taayita Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa beeksisee.
Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayiticha Dooktar Addunyaa Dabalaan akka ibsanitti, Itiyoophiyaan oomishni Buna gabaa alaaf dhiyeessituu waggaa waggaan dabalaa jira.
Bara baajatichaatti bunni tooniin kumni 210 gabaa alaaf dhiyaachuu dubbataniiru
.
Kunis kan bara darbee yeroo walfakkataan yoo madalaame caalmaa olaanaa qabaachuu eeruun, baatiiwwaan kurnan darban galiin Doolaarri biiliyoonni 1 argamuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan biyyoota 50-60tti oomisha bunaa kan ergitu yoo ta’uu, lakkoofsa biyyootaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu eeruu TOI gabaaseera.