Fana: At a Speed of Life!

Federeeshinichi keemikaalota farra aramaa Birrii biiliyoona 1.3 bite

Finfinnee, Eebila 19, 2012 (FBC) – Federeeshiniin Waldaalee Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Oromiyaa bittaa keemikaalota farra aramaa Birrii biiliyoona 1.3 raawwachuu beeksise.

Itti aanaa hoji gaggeessaa federeeshinichaa obbo Alamaayyahu Tashoomaan akka beeksisanitti bittaan keemikaalota farra aramaa, farra waagii fi farra ilbiisotaa raawwatameera.

Bittaan keemikaalichaas liqaa mootummaa naannoo Oromiyaarraa argameen raawwatameera.

Baasii Birrii biiliyoona 1.3 keemikaalli farra aramaa liitirri miiliyoona 1.35 biyya alaatii bitameera jedhan itti aanaan hoji gaggeessichaa.

Keemikaalonni bitamanis Paalaas 45 Oodii, Naatiivoo Oosiis 300, Gaalaant Suuppar dabalatee gosoota addaddaa 16.

Gaalaant Suuppar guutummaan, Paalaas 45 Oodii ammoo gariin biyyoota Awrooppatii gara biyyaa galfameera.

Keemikaalonni hafanis yeroo dhiyootti biyya ni qaqqabu jedhan.

Karaa waldaalee hojii gamtaa 65 qonnaan bultootaf kan raabsaman ta’a.

Keemikaalicha gatii madaalawaadhan qonnaan bultoota miiliyoona 7n qaqqabsiisuf karoorfameera.

Bisraat Mangistuu fi Malaakuu Gaddifitu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.