Fana: At a Speed of Life!

Waajjirri Giiftii Duree fi Dhaabbanni Tola Oolaa “Good Neighbors” waliigaltee mallateessan

Finfinnee, Caamsaa 26, 2016 (FBC) – Hojiilee Waajjira Giiftii Dureen hojjetamuu deeggaruuf, Dhaabbata Tola Oolaa Idil Addunyaa “Good Neighbors” waliin waliigalteen mallateeffameera.
Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoon gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Dhaabbata Tola Oolaa Idil Addunyaa “Good Neighbors” teessoon isaa Kooriyaa Kibbaa ta’e waliin, hojiilee misoomaa waajjira Giiftii dureen hojjetamaa jiran deeggaruu fi waloon hojjechuuf haalota dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Marii gaggeeffameen boodas waliigaltee waliin hojjechuu mallatteessuu himaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.