Fana: At a Speed of Life!

Mariin biyyaalessaa furmaata biyyaalessaa argamsiisaan eegama-Aadde Adaanech

Finfinnee, Caamsaa 26, 2016 (FBC)- Mariin Biyyaalessaa Ummanni abbaa aangoo fi abbaa dhimmichaa ta’uun kallattiinis ta’e bakka bu’oota isaan ajandaalee dhiyaatanirratti mari’achuun, furmaata biyyaalessaa fidaan kan eegamu ta’uu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanech, gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, seenaa garaagarummaa waggoota dheeraa humnaa fi waraanaan furuu keessaa ba’uun, karaa qaroominaan furuuf tumsuun yeroo jalqabaaf mariin biyyaalessaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuun taatee addaati.

Marichi, wantoota gaggaarii biyyattiin qabdu balleessuun maqaa yaraa turaniin garaagarummaa uumaman humnaa fi waraanaan furuu fi ummanni biyya tokkoo diinummaan farrajamuu keessaa ba’uun mariin qofa furuun, nageenya waaraa biyyaalessaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa ni bahataan kan eegamu ta’uu himaniiru.

Dabalataan, Aadde Adaanech akka ibsanitti, mariachi seenaa fi bu’aa olaanaa dabalataan kan argamsiisu ta’uu fi ummanni  abbaa aangoo fi abbaa dhimmichaa ta’uun kallattiin akkasumas karaa bakka bu’ootaa filatuun ajandaalee dhiyaatanirratti mari’achuun, furmaata biyyaalessaa ni argamsiisan kan eegamu ta’uu dubbataniiru.

Kanaaf jiraattoonni Magaalaa Finfinnee, keessumaa kutaalee hawaasaa garaagaraa keessaa bakka buufamuun kanneen hirmaachaa jiran, dhimma biyyaalessaa kanarratti ilaalchaa fi miiraa garee fi dhuunfaa keessaa ba’uun, dammaqinaan hirmaachuuun, daandiin furmaata garaagarummaa marii qofaan ta’uu mul’isuun gahee adda durummaa akka bahatan abdii qaban ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.