Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Fannoo Diimaa Ityoophiyaa, Koree Fannoo Diimaa Idil Addunyaa waliin deeggarsa laate

Finfinnee, Eebila 19, 2012 (FBC) – Waldaan Fannoo Diimaa Ityoophiyaa, Koree Fannoo Diimaa Idil Addunyaa waliin ta’uudhan deeggarsa laate.

Deeggarsichas garee ittisa vaayrasii koroonaaf laatera.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay tumsa taasifamerratti argamuudhan galateeffataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Preezdaantiin waldichaa Dooktar Mashashaa Shawaaraggad deeggarsichi ittisa vaayrasichaatif kan ooludha jedhan.

Deeggarsa har’aatin afata 2,500, uffannaa halkanii 2,500, ansoolaa 2,500, korojoowwan ciisicha sochootuu 2,500, saamunaa fi keemikaalota addaddaa qulqullinaaf oolan kuma 20 ol kennaniiru.

Waldaan Fannoo Diimaa Ityoophiyaa har’a meeshaalee deeggarsaa Birrii miiliyoona 7.5ti kan laate.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.