Fana: At a Speed of Life!

Bakka buutoonni kutaalee hawaasaa Ajandaa adda baasaan komishinichaaf kennan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2016 (FBC) – Bakka buutoonni kutaalee hawaasaa Ajandaa adda baasaan Komishinii Maree Biyyaalessaaf kennaniiru.

Magaalaa Finfinneetti Bakka buutoonni kutaalee hawaasaa Caamsaa 21, 2016 eegalee yaada Ajandaa walitti qabuurratti mari’achaa turaniiru.

Mariin yaada ajandaa walitti qabuu kun har’a xumurameera.

Bakka buutoonni kunneen marii sadarkaa magaalaatti gaggeeffamurratti kanneen bakka bu’an 121 filataniiru jedhame.

Filannoon bakka buutoota kanneenii saanduqa iccitiin nama bakka isaan bu’u karaa bilisa ta’een filataniiru.

Qaamoleen filatamaan kunneen boruu eegalee sadarkaa magaalaatti ajandachirratti mari’achuun kan gurmeessan ta’uu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.