Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Biyyoota guddataa jiraniif tajaajila Fayyaa haqa qabeessaa fi Qulqullina qabu dhiyeessuuf deeggarsi akka taasifamu waamicha dhiyyeesite

Finfinnee, Caamsaa 22, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan Biyyoota guddataa jiraniif tajaajila Fayyaa haqaa qabeessaa fi Qulqullina qabu karaa guutuu ta’een dhiyeessuuf Dhaabbannii Fayyaa Addunyaa fi Qaamooleen dhimmi ilaallatuu deeggarsa akka taasisan waamicha dhiyyeessiteerti.

Yaa’ii Fayyaa Addunyaa 77ffaa Siwiizarlaandi Jeneevaatti gaggeeffamaa jirurratti Itiyoophiyaan dhimmoota fayyaa garaagaraarratti ibsa kenniteerti.

Ministirr Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan yaa’iicharratti hasaawa taasisaniin, Tajaajilli Fayyaa Mirga namoomaa Laammiilee ta’uu Itiyoophiyaan amantaa cimaa qabaachuu dubbataniiru.

Tajajailli fayya lammiileef mirga namooma ta’ee osoo jiru, qabeenyi gahaan jiraachuu dhabuu fi sababoota biroon Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni guddachaa jiran lammiileef tajaajila fayyaa haqaa qabeessaa fi qulqullina qabu dhiyeessuuf rakkataa jiraachuu Dooktar Maqdas kaasaniiru.

Haaluma kanaan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhaabbiilee Tumsitoota waliin ta’uun deeggarsa akka taasiisu waamicha dhiyeessu ragaan Ministeera Fayyarra aragme ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.