Fana: At a Speed of Life!

Sirni Bulchiinsa galii waloo, qoodinsii fi dabarsi iftoomaa fi itti gaafatummaa qabaachuu qaba jedhame

Finfinnee, Caamsaa 21, 2016 (FBC) – Naannolee gidduutti guddinni madaalawaan akka jiraatu sirni Bulchiinsa galii waloo, qoodinsaa fi dabarsaa iftoomaa fi itti gaafatummaa qabaachuu akka qabu Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshsinii Obbo Aganyahu Tashaagar ibsaniiru.
Bulchiinsa, qoodiinsaa fi raabsa galii waloo ilaalchisee Manni Maree Federeeshinii Magaalaa Hawaasaatti qooda fudhattoota waliin mari’achaa jira.
Naannolee gidduutti guddinni madaalawaan akka jiraatu sirna bulchiinsa galii waloo cimaa qabaachuun barbaachisaa ta’uu Obbo Aganyahu maricharratti haasawa taasiisaniin ibsaniiru.
Bulchiinsa qabeenya galii hunda qixaan fayyadamoo taasiisu qabaachuun murteessaa ta’uu eeruun, mootummaan dhimmicharratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Marii gaggeeffamaa jirurratti Pireezidaantoonni naannolee hundaa fi qooda fudhattoonni argamaniiru.
Xilahuun Yilmaa fi Haannaa Bayyanaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.