Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Maree Biyyaalessaa Boru boqonnaa marii magaalaa Finfinneetti ni eegala

Finfinnee, Caamsaa 20, 2016 (FBC) – Komishiniin Maree Biyyaalessaa Boru boqonnaa marii magaalaa Finfinneetti kan eegalu ta’uu ibseera.

Marii guyyoota torbaaf gaggeeffamuun hirmaattoonni marii yaada ajandaa kan dhiyeessan ta’uu Komishinarri Komishinichaa Dooktar Ambaayee Uggaattoon Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Adeemsa kana keessatti ajandaa ka’u kamiiyyuu keessummeessuuf qophiin dandeessisu taasiifamuu eeraniiru.

Qooda fudhattoonni maricharratti hirmaataan ajandaalee kan waloo taasiisuun walitti qabuu fi gurmeessuun yaada furmaataa boqonnaa kanaan ni dhiyeessu jedhame.

Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.