Bu’aaleen qorannoo rakkoo lammiilee kan hiikan ta’uu qabu – Obbo Malaakuu Allebal
Finfinnee, Caamsaa 16, 2016 (FBC) – Bu’aaleen qorannoo fi qo’annoo rakkoo lammiilee kan hiikanii fi fayyadamummaa Teeknooloojii qabatamaan kan mul’isan ta’uu akka qaban Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal ibsan.
Siimpoziiyeemiin Qorannoo biyyaalessaa 3ffaan qopheessummaa Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaan mata duree ‘ Ijaarsa Diinagdee Magariisaaf qorannoowwan teeknooloojii haaraa fiduu’ gaggeeffamaa jira.
Yuunivarsiitiiwwan Saayinsii fi Teeknooloojii imala Sirna Diijitaalaa mootummaan eegale dhugoomsuuf murteessoo ta’uu eeraniiru.
Guddina Diinagdee biyyaaf daandii Diijitaalaa hordofuun barbaachisaa ta’uu Obbo Malaakuun dubbataniiru.
Siimpooziiyeemiwwan akka kanaa beekumsa saayinsaawaa caalmaatti gabbisuuf qooda qabaachuu himaniiru.
Yisimaaw Adaraawutu gabaase.